Beejiingitti weerarri Covid -19 marsaa 2ffaan hammaate

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2012 (FBC) –Beejiing weerarri vaayrasii koroonaa marsaa lammataa hammaannaan dhorkaawwan garaagaraa kaa’uu eegalte.
 
Beejiingitti torbee darbee eegalee marsaa 2ffaan lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 137 ga’eera.
 
Magaalaa guddittii Chaayinaa Beejiingitti guyyoota 57f weeararri vaayrasii koroonaa osoo hin muul’atiin turuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Weerarri marsaa lammataa kun jiddugala gabaa nyaataa ‘Xiinfand’ jedhamurraa ka’uu akka hin oolle dubbatamaa jira.
 
Sababa kanaan Beejiing irra deebiin manneen barnootaa cufuu fi imala daangessuu ishee ibsameera.
Manneen barnootaa, kolleejjiiwwan, jiddugalawwan ispoortii hundi cufamaniiru.
 
Haa ta’uutii warshaalee fi hojiin itti fufuu himameera.
 
Maddi:-BBC FI CGTN
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment