Finfinnee, Bitootessa 6, 2013 (FBC)- Magaalaan guddittii Chaayinaa Beejiing waggoota kudhani asitti hobomboleetti cirrachaa makateen hammaataadha jedhame dha’amteetti.
Samiin Beejiing dhuukkee cimaan kan haguugamee yoo ta’u, magaalittin hobomboleettii cimaa yeroo dhiyoo asitti ishee mudatee hin beeknee ta’uu ibsameera.
Hobomboleetichi qilleensa hin baratamnee kan uumee yoo ta’u, faalama qilleensaa haalaan kan caaleefii kutaalee biyyatti tokko tokkootti sadarkaa taa’een ol %160 dachaan akka muudate himameera.
Kanaan kan walqabate balalliin xiyyaaraa haqamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.