Bataskaanarratti haleellaa hidhattootaan raawwatameen lubbuun namoota 50 darbe

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Naayijeeriyaa Naannoo Ondootti kan argamu Bataskaana Kaatoolikii irratti haleellaa hidhattootaan raawwatameen lubbuun namoota 50 darbuu eerameera.
Aanga’oonni naannawichaa akka beeksisanitti hidhattoonni haleellicha kan raawwatan, Bataskaana Kaatoolikii keessatti hordoftoonni amantichaa wayita sagadarra jiraniitti jedhan.
Haleellaa kanaanis hanga ammaatti lubbuun lammiilee 50 wayita darbu, kanneen lubbuun isaanii darbee irra jireessi daa’imman ta’uun himameera.
Preezdaantiin biyyattii Muhaammaduu Buhurii dhimmicha ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, haala kamiiniyyuu yoo ta’e kaayyoo badii kanneen qaban, humnoota diigoof biyya isaanii dabarsanii akka hinkennine himaniiru.
Haleellicha kanneen raawwatan adabbiin seeraa akka eeggatuun eeranii, maatii fi firoottan miidhamtootaaf jajjabina hawwaniiru.
Hanga ammaatti haleellichaaf qaamni itti gaafatama fudhate kan hinjirre ta’uu BBC’n gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment