Bashaashaatti hojiin tajaajila lammummaa gannaa eegale

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2013 (FBC)-Biiroon Dhimma Dubartoota ,Daa’immanii fi Dargaggoota Oromiyaattin hojiin tajaajila lammummaa gannaa bara 2013 godina Jimmaa aanaa Gommaa ganda Bashaashaatti eegalchiiseera.

Hooggantuun biirichaa  aadde Sa’aadaa Usmaan hojii tajaajila lammummaa kana yeroo jalqabsisan akka ibsaniitti, Oromiyaatti dubartoonni  miiliyoonni 2.5 hojii tajaajila lammummaarratti hirmaachaa jiru jedhaniiru.

Hojii kana irratti dubartoota fi dargaggoota miiliyoona 10 ol biqiltuu gosa garagaraa miiliyoona 20 dhaabuuf karoori qabame hojii  eegalu dubbataniiru.

Biyya ijaaruu keessatti hojiin tajaajilli lammummaa gahe bakka hin bu’amne akka qabus ibsaniru.

Aadde Sa’aadaan hojii dhaabbii biqiltuu cinaatti hojiilee tajaajila lammummaa, mana harka qalleeyyi ijaaruu, dhiiga arjoomu, bittaa boondii hidha laga abbaayaa taasisuu, akkasumas mana barumsaa oolmaa daa’immani Abdi Boruu 3000 ol hojii tajaajila lammummaatin kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Abdulhaakim Muluu, hojiin tajaajiila lammuummaa baroottan darban hojjetameen rakkoo hawaas -diinagdee uummata godinichaa hiikuurra darbee aadaa walgargaarsaa uummatiichaa cimsuun keessatti shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Tasfaahun kabbadaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment