Barsisoota waggoota 40 ol tajaajilaniif sirni beekkamtii kennuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Qaammee 1, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti Barsiisoota waggoota 40 ol tajaajilaniif sirni beekkamtii kennuu gaggeeffamaa jira.

Sirnicharratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, Afyaa’ii Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alqaadiiriin dabalatee qondaaltonnii fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Akkasumas barsiisoonni waggoota 40 ol tajaajilanii fi tajaajilaa jiran argamaniiru.

Itti Aanaan Hoggannaa Biiroo Barnootaa Magaalichaa Obbo Alii Kamaal, sagantichi guyyaa tajaajilummatti barsiisoota dhaloota qaruu keessatti shoora olaanaa bahatan galateeffachuuf kan kaayyeeffate ta’uu eeraniiru.

Yeshaambal Mihiratuutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment