Finfinnee, Onkololeessa 25, 2017 (FBC)- Garaan haadhaa hundaaf walqixa akka rifatuu fi hoo’u Barsiistuu Birqiisaa Jamaal ragaadha.
Barsiistuu Biqisaa Jamaal Jiraatuu Magaala Jimmaa, Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Jireen keessa kan barsiisanidha.
Barsiiftuun kun Gonfo ogummaa “Barsiisaa” qabanitti dabalataan barattoota isaaniin “Hadhaa Keenya” jedhamuun waamamu.
Barsiiftuu Birqiisaan, dhuunfaa isaaniin barattoota kuma 1 fi 400 ol nyaata nyaachiisaa jiru.
Nyaata barattoota kutaa 4ffaa gadiif dhiyeessuu ergaa eegalanii waggoota afur lakkoofsisaniiru.
Guya tokko barataa nyaata dhabee tokkotu isaan quunnamnaan garaa raafamee hojii kanaa akka eegalan isaan taasisuu dubbatu Barsiistuu Birqiisaan.
Sana booda ture dhala isaanii biyya alaa jirtu waliin mari’chuu fi walta’uun barattoota kanneeniif nyaata dhiyeessuu kan eegalan.
Hojii kanaafis ji’atti Birrii kuma 40 ol akka baasan eeruun, baranas barattoota 800’f nyaata dhiyeessaa jiraachuu FBC’tti himaniiru.
Barsiistuu Birqiisaa Jamaal, ogummaa barsiisummaa isaaniin dhalootaa qaraa, haadhummaa isaaniin namummaa barattootaaf dhaabbachaa kan jiraniidha.
Abdurrahmaan Mahaammadiin
#Oromia #Ethiopia