Barsiisota Ogummaa isaanii kabajanii fi hawaasaa biratti kabajaman horachuuf xiyyeeffannaan hojjetama-Pirof. Birhaanuu Naggaa

Finfinnee, Fulbaana 24, 2016 (FBC)- Ministeerri Barnootaa Barsiisota Ogummaa isaanii kabajanii fi hawaasaa biratti kabajaman horachuuf xiyyeeffannaan kan hojjetu ta’uu beeksise.

Sagantaan Hundeeffama Yuunivarsiitii Barnootaa Kotabee gaggeeffameera.

Saganticharratti Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan akka ibsanitti, Yuunivarsiitichi qulqullina barnootaa biyyattii fooyyessuuf itti gaafatamaa olaanaan kan itti kenname ta’uu himan.

Barsiisota hamilee jabaa qaban, ogummaa isaanii kabajanii fi hawaasaa biratti kabajaman horachuuf tattaaffii tasifamu keessatti ministeerichi gahee isaa kan bahatu ta’uu dubbataniiru.

Haaluma kanaan Yuuivarsiitiin Barnootaa Kotabee barsiisota ga’umsa qaban horachuuf akka hojjetu hubachiisaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiistichaa Dooktar Birhaanamasqal Xannaa gama isaaniin, Yuunivarsiitichi rakkoolee qulqullina barnootaa hambisuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin akka hojjetu himuu ragaan yuunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment