Barsiisota ga’umsa qaban horachuuf hojjetamaa jira – Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC) – Bara Barnootaa kana sirna barnootaa fooyyeessuu fi Barsiisota ga’umsa qaban horachuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa Beeksise.

Yaa’iin Waldaa Barsiisotaa 36ffaan Magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Bara Barnootaa kana sirna barnootaa fooyyeessuu fi Barsiisota ga’umsa qaban horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru.

Sadarkaa biyyaatti lakkoofsa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa dabaluuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.

Barnoota gannaa babal’isuun ga’umsa barsiisootaa dabaluuf hojjetamaa jiraachuu Miidiyaan naannoo Somaalee gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment