Barsiisonnii fi hojjettoonni Yuunvarsiitii Odaa Bultuma Birrii miiliyoona 7 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC) – Barsiisonnii fi hojjettoonni Yuunvarsiitii Odaa Bultuma mindaasaanirraa Birrii miiliyoona 7 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisaniiru.
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Odaa Bultuma Proofeesar Muktaar Mohammad Barsiisonnii fi hojjettoonni yuunvarsiitichaa raayyaa ittisa biyyaatiif mindaa isaanii ji’aa 1 Birrii miiliyoona 6 kan laatan ta’uu fi Yuunbarsitichis Birrii miiliyoona 1 Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisuu himaniiru.
Deeggarsa eegalame cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.
Hawaasni yuunivarsitichaa marii kana irratti hirmaatanis Nageenya biyyaa tiksuuf waan danda’an hundaan Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa kan dhaabbatan ta’uu eeruu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment