Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC) – Barsiisonni, Barattoonnii fi Hawaasni manneen Barnootaa Godina Harargee Lixaa manneen Barnootaa 51 keessaa walitti babba’an kumni 54 ol oomisha maatii duultoota walitti qabaa jiru.
Godina Harargee lixaatti barattoonni,barsiisonnii fi hawaasni manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa duula sassaabbii oomisha hawaasa qonnaan bulaa maatii duula birmadummaa biyyaa kabachisuuf adda waraanaatti duulanii walitti qaba jiraachuu ibsameera.
Itti Gaafatamaan Waajjira Barnoota Godina Harargee Lixaa obbo Awaall Abdallaa barattoonnii fi barsiisonni Godinichaa waamicha Muummeen Ministeeraa FDRI Abiy Ahimad duula birmadummaa biyyaa kabachiisuuf taasisan fudhachuun sassaabbiin oomishaa karaa qindoomina qabuun iddoolee hundatti bifa walfakkatauun hojjatamaa jiraachuu himaniiru.
Duula birmadummaa kabajichisuu kallattii maraan taasifamaa jiruu keessatti hirmaachuun hojii tolaan hawaasaa tajaajiluutti gammaduu barattoonnii fi barsiisonni hojii kanarratti hirmaatan himuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo Keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.