Barsiisonni dhaloota biyya jaalatuu fi ijaaru uumuuf tattaaffii taasiisan cimsanii itti fufuu qabu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2014(FBC) – Barsiisonni dhaloota biyya jaalatuu fi ijaaru uumuuf tattaaffii taasiisan cimsanii itti fufuu akka qaban Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dhaamaniiru.

‘Boqonnaa haaraan Abdii haaraa bu’aa qabeessummaa barnootaa fi Badhaadhinaaf’mata duree jedhuun yaa’iin barnootaa 28ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Waggoottan darban Ityoophiyaan dhiibbaa hedduu keessa ta’uun adeemsa baruu fi barsiisuu nagaa fi bu’aa qabeessa ta’e raawwachuu Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee sirna cufiinsa yaa’ichaarratti argamuun haasawa taasiisaniin himaniiru.

Bu’aa argame kanaaf barsiisotarraa dabalatee ga’een qooda fudhattootaa sadarkaan jiranii olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Adeemsi baruu fi barsiisuu bara 2014 milkiin akka raawwatu barsiisonni dhaloota biyya jaalatuu fi ijaaru uumuuf tattaaffii taasiisan cimsanii itti fufuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Sirni barnootaa haaraan manneen barnootaa filataman keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Karooricha guutumatti hojiitti hiikuuf bulchiinsi magaalichaa itti gaafatamummaa isaa ba’uuf qophii ta’uu Aadde Adaanach himaniiru.

Barsiisota bara 2013 raawwii hojii gaarii galmeessaniif beekkamtiin laatamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerra argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment