Barsiisaa Amaanu’el Baalchaa marsaa 2ffaaf yaalii balaliisa xiyyaaraa Buufata Xiyyaaraa Dambi Dollootti taasisen milkaa’e

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC)- Yuunvarsitii Dambi Dollootti Barsiisaan Amaanu’el Baalchaa marsaa 2ffaaf yaalii balaliisa xiyyaaraa buufata Xiyyaaraa Magaalaa Dambi Dollootti taasisee milkaa’eera.

Barsiisaan Amaanu’el Baalchaa marsaa 1ffaaf Diroonii kalaqee agarsiisaaf dhiyeessuun milkaa’inaan balaliisuun isaa ni yaadatama.

Guyyaa har’aas  buufata xiyyaaraa magaalaa Dambi Dollootti xiyyaarota meeshaalee naannootti argamanirraa kalaqe bakka bulchiinsii fi hawaasi Yuunvarsitichaa argamanitti yaaliin balaliisuu tasiseen milkaa‘eera.

Buufata  xiyyaarichaa irratti dhiibbaan qilleensaa ture hammaataa kan ture ta’us barsiisaan Amaanu’el agarsiisa yaalii kanaan xiyyaarota gosa adda addaa dhiyeessuun balaliisee agarsiisuun qalbii daawwattootaa dinqisiifachiisuu ragaan fuula Feesbuukii Yuunvarsiitichirra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment