Barsiifata gaarii aarsaa Iyyasuus Kiristoos irraa arganne galaa imala keenyaa godhachuun murteessaadha- Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Eebla 7, 2015(FBC)- Barsiifata gaarii aarsaa Iyyasuus Kiristoos irraa arganne galaa imala keenyaa godhachuun murteessaadha jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan.

Obbo Fiqaaduun Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos sababeeffachuun hordoftoota amantichaa maraaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Hordoftootni amantaa kiristaanaa biyya keessaa fi kutaalee addunyaa garaa garaa keessatti argamtan baga ayyaana du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoosiin nagaan ittiin isin gahe, baga geessan.

Faasikaan ayyaana gammachuu fi jaalalaa, galataa fi dhiifamaati.
Guyyaan kun hordoftoota amantichaa biratti yeroo kaan irraa bifa adda ta’een yaadamatee kan oolu yemmuu ta’u, jaalala walii qooduun, obsuu fi dhiifama waliif gochuun kan itti barsiifame akkasumas guyyaa nagaa fi fayyummaa jireenya dhala namaatiif aarsaan itti kaffalamedha.

Uumaan kakuu dhiifamaa ilma namaatiif gale eegee fi kabajee tokkicha ilma isaa gara biyya lafaatti ergee cubbuu ilma namaa haqe, balbala jibbaas cufee jaajalaaf dhiifama labsuuf isa wareege.

Kanaaanis kakuu fannootiin tulluu abaarsaa diigee dhala namaa hundaaf carraa araaraa fi dhiifamaa diriirseen ilmi namaa dhiifama uumaa isaa argate.

Aarsaan iyyesuus kiristoos kaffale, dhiifamni uumaan uumama isaatiif taasise daandii dhalli namaa gidiraa irraa gara nagaatti ittiin ce’u waan ta’eef gochaan eebbifamaan kun jiruuf jireenya ilmaan namaa keessatti barsiifata yeroo maraa ta’ee babal’achuu, gochaa qabatamaadhaanis mul’achuu fi dhugoomuutu irra jiraata.

Sochii jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti aarsaa nuhiif jecha kaffalame yaadachuu, carraa dhiifamaa nuuf diriireettis qixaan fayyadamuun murteessaadha.

Kana mirkaneessuuf ammoo gochaawwan jibbaa facaasan irraa fagaannee jaalala waliif qooduu, taateewwan garaagarummaa bal’isanii walirraa nu fageessan dhabamsiifnee araaraa labsuu, badii darberraayis barannee boruu keenya tolchuuf dhiifamaa fi tokkummaadhaan waliin ce’uu aadeffachuu qabna.

Daandiin gara milkaahinaatti nu qajeelchu daandii araaraa, jaalalaa fi dhiifamaa waan ta’eef barsiifata gaarii aarsaa iyyasuus kiristoos irraa arganne galaa imala keenyaa godhachuun murteessaadha.

Ilaalchi fi gochi keenya nagaa fi nageenya kan mirkaneessu, obbolummaa dhugaa dagaagsee tokkummaa keenya kan jabeessu ta’uutu irra jiraata.

Ayyaana du’aa ka’uu iyyasuus kiristoos yemmuu kabajnu akkaataa amantichi nu ajajuun gaarummaa obsaa fi dhiifamaan dabaalame, tokkummaa jaalala dhugaatiin faayame waliif qooduun gamatti mallattoof agarsiiftuu waliin jireenya keenyaa kan ta’e wal gargaaruu fi wal cinaa dhaabbachuu daran jabeessinee kan qabnu isa hin qabneef qooduu, kan rakkates gargaaruun gammachuun waliin dabarsuu qabna.

Yeroon itti aanu jibbaa fi hammeenyi hundeedhaan buqqa’ee jaalalli kan itti dagaagu, tokkummaan lammiileetis jabaatee obbolummaan kan itti mirkanaahu akka nuu ta’uuf lammiin hunduu gufuuwwan waliin jireenyaa fi imala keenyaa dhimmoota ta’an bu’uuraan maqsuudhaaf waloodhaan dhaabbachuu, qormaatilee alaa fi keessaa nu muudatan ammoo obsaan fi qindoominaan tarkaanfachuu akka aadeffannu dhaamuun fedha.

Xumura irrattis ayyaanni faasikaa baranaa onnee qulqulluu fi sammuu nagaadhaan akka isin dabaalu, daandii nagaa fi injifannoottis akka isin qajeelchu hawwiin qabun ibsa.

Comments (0)
Add Comment