Barsiifata dhiifamaa fi araaraa dhaloota Kiristoos irraa dhaalle, galaa imala jireenya keenyaa taasifnee fayyadamuu qabna- Obbo Kaffaaloo Tafarraa

Finfinnee, Mudde 28, 2017 (FMC) –Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badaadhina Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan Ayyaan Qillee sababaeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

 

Ergaa isaaniin, hordoftoota amantaa Kiristaanaa naannoo fi biyya keenyaa maraan baga guyyaa kabajamaa fi jaallatamaa, yaadannoo dhaloota Iyyesuus Kiristoos kan bara 2017 tiif nagaan ittiin isin gahe jedhan.

 

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.

 

 

Ayyaana guddaa hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti gammachuu fi ulfina guddaadhaan yaadatamu keessaa tokko kanta’e guyyaan yaadannoo dhaloota Iyyasuus Kiristoos ilmaan namaatiif boqonnaa jireenyaa haaraa saaqee imala kan eegalchiise, balbala jibbaa fi hammeenyaa cufuudhaan riqicha jaalalaa kan ijaare yoo ta’u, wal qooduurra tokkummaa, walirraa fagaachuurra obbolummaa barsiisuudhaan daandii araaraa fi dhiifamaatiif bu’uura kan kaa’e dha.

 

Barsiifata dhiifamaa fi araaraa galaa imala jireenyaa ta’an addunyaadhaaf kan gumaache guyyaan kun dhalachuu Iyyasuus Kiristoos kan itti yaadannu qofa osoo hin taane, duudhaawwan dhaloota isaatiin goonfanne kunuunfachuu fi hojiilee eebbifamoo ta’anis raawwachuun imala keenya egereetiif bu’uura cimaa kan itti keewwannudha.

 

Duudhaalee gaggaarii utubaa tokkummaaf bu’uura waliin jireenyaa ta’an hedduudhaan faayamee kan kabajamu yaadannoon dhaloota Iyyasuus Kiristoos hariiroofi walitti dhufeenya lammiilee cimsuu, gaarummaa agarsiisuu fi obbolummaa dagaagsuudhaan kan kabajamudha.

 

Boqonnaan jireenyaa irratti argamnu duudhaawwan gaggaarii qabnu jabeeffannee, carraalee jiranittis qixaan gargaaramnee tokkummaa fi obbolummaa cimaadhaan imaluu, kaayyoof akeeka sirriidhaan qajeelfamnee galma walootiif hojjachuu kannu gaafatuudha. Kanaaf ammoo barsiifanni dhiifamaa fi jaalalaa dhaloota kiristoos irraa dhaalle galaa imala jireenyaa keenyata’ee nu tajaajila.

 

Dhalootni Iyyesuus Kiristoos bu’uurri milkaahinaa dhiifamaa fi araara akka ta’e akkuma nu barsiise, Daandii jijjiiramaa irratti kan argamtu biyyi keenya hanqinaaf dogoggoroota kaleessaa dhiifama har’aatiin cehuuf, marii hunda hirmaachisaa ta’eenis walii galtee biyyaalessaa mirkaneessuuf sochii taasisaa jirti.

 

Mul’atni ijaarsa biyya waloo kan galma gahu, abjuun guddinaafi badhaadhina lammiileetis kan dhugoomu, hirmaannaa fi tumsalammii hundaatiin waan ta’eef sochiin marii biyyaalessaa milkeessuuf eegalame akka fiixa bahuuf hojjachuun daran murteessaadha.

 

Maraammartoo hiyyummaaf boodatti hafummaa barootaaf ture keessaa baanee, qormaatilee gar gar nu qoodanis waloodhaan tarkaanfannee galma yaadne bira qaqqabuudhaaf jaalalaan Ida’amnee, obbolummaa dhugaa fi tokkummaa sab-daneessata’een utubamnee qindoominaan imaluu qabna.

 

Nageenya waaraa mirkaneessuu fi garaa garummaa siyaasaa qabnu karaa qaroomina qabuun hiikuudhaan biyya keenyattinageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf jalqabbiiwwan gaarii mul’achaa jiran sadarkaa ol’aanaatti ceesisuun duudhaalee gaggaarii of harkaa qabnu kunuunsinee misoomaa fi badhaadhina biyya keenyaatiif oolchuutu nurraa eegama.

 

Ayyaana dhaloota Iyyesuus Kiristoos kan bara kanaa wayita kabajnus barsiifata gaarii guyyaan kun nu dhaalchise hojiirra oolchuudhaan laphee keenya dhiifamaaf bannee jaalala, nagaafi obbolummaa lallabaa, akkaataa qajeeltoo amantichaatiin kanrakkate gargaaruu fi wal cinaa dhaabbachuudhaan akka dabarsinu amaanaa jechaa ayyaanichi kan nagaa fi gammachuu, milkii fi badhaadhinaa akka ta’un hawwaniiru.

Ayyaana Gaarii

 

Kaffaaloo Tafarraa

 

Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

 

#Oromia #Ethiopia

 

 

Comments (0)
Add Comment