Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC)-Barrii haaraan gareen shororkeessaa ABUT biyya diiguuf kan ka’ee kan gara Jeeynaba/si’oolitti deebisuun birmadummaa Ityoophiyaa mirkaneessuuf cimnee kan hojjennuu ni ta’aa jechuun Dooktar Biqilaa Hurrisaa himaniiru.
Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaan giddugala ijaarsa sirna Diimookiraasii Dooktar Biqilaa Hurrisaa turtii TOI waliin taasisanii, barrii 2013 humnoonni keessaa fi alaa Ityoophiyaa diiguuf yerootti qormaata nutti ta’aan ture jedhaniiru.
Sabaa fi sablammoonni Ityoophiyaa, amantaa, qabeenyaa fi umriin osoo wal hin qoqqoodiin humna biyya isaanii diiguuf turee ittisuuf tokkummaan dhaabbataniiru jedhan.
Abbaan qabeenyaa osoo qabeenyaa isaa hin qusatiin, qonnaan bulaan , jiraatan magaalaa fi daldaltoonni kan qaban arjoomuun, essaatti, yoomuu, maaliinuu birmadduumma biyyaaf duuluu akka danda’aan hojiin agarsiisuun carraan seenaa mudachuu himaniiru.
Dooktar Biqilaan barrii 2014’n gareen shororkeessaa ABUT kan haawwee gara Jeeynaba/si’oolitti kan deebi’uu ni ta’a jedhaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.