Barri Qonnaa 2016/17 bara milkaa’insi Qonnaa Olaanaan itti argameedha – Obbo Geetuu Gammachuu

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2017 (FBC) – Biiroon Qonnaa Oromiyaa sochii hojii qonnaa bara 2016/17 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera.

Barri Qonnaa 2016/17 Bara Milkaa’insi Qonnaa Olaanaan itti Argame ta’uu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun ibsaniiru.

Barri oomishaa 2016/17 bara gargaartummaa irraa gara oomishtummaatti ceene kan karoorri xiiqii itti milkaa’e jedhan.

Qonna gannaan lafti hektaara miiliyoona 11.2 misoomuu himuun,Lafa waliigalaa misoome keessaas 78% kilaasteraan misoomuu dubbataniiru.

Lafa misoome kanarraa Callaan kuntaalli miiliyoonni 300 ol ni eegama jechuun ibsaniiru.

Qonna ammayyeessuuf hojii makanayizeshinii hojjetameen lafti hektaarri miiliyoonni 4.8 ol tiraakteraan faca’uus himaniiru.

Inisheetiivii boqqolloon lafti hektaara miiliyoona 2, naannawaa gammojjiitti mishingaan lafa hektaara miiliyoona.1.4 irratti misoomuus kaasaniiru.

Qamadiin ganna lafa hektaara miiliyoona 3.1 irratti misoomuu fi Garbuu Biiraas lafa hektaara kuma 528 irratti misoomuu eeraniiru.

Biqilaan bunaa biiliyoonni 2.5 qophaa’uu fi ashaaraa magariisaanis biqiltoonni biiliyoona 5.1 ol qophaa’uu dubbachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment