Barri olaantummaa biyyoota Lixaa haala hineegamneen xumuramaa jira-Putiin

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2015 (FBC) – Yeroo ammaa barri olaantummaa biyyoota Lixaa haala hineegamneen xumuramaa jiraachuu Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin ibsan.

Putiin walga’ii waggaa Vaaldaay Mooskootti gaggeeffamerratti haasawaa taasisaniin, waraana addunyaa 2ffaa booda rakkooleen hintilmaamamnee fi balaafamoo hedduun addunyaa keenyatti fuulleffataniiru jedhan.

Addunyaan yeroo ammaa, “Daangaa seena qabeessarraa dhaabbatteetti” kan jedhan Pireezidaanti Putiin, yeroowwan dhufan hedduu balaafamoo fi kan hintilmaamamne ta’uu akka danda’us eeraniiru.

Biyyoonni Lixaa tapha siyaasa quubsummaa balaafamaa, dhiigaa dhagalaalisaa fi fokkisaa taphachaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Keessumaa Ameerikaa fi Dhaabbanni Waadaa Waraanaa Atilaantikii Kaabaa (NATO) akkasumas michoonni ishee walitti bu’iinsi Raashiyaa-Yuukireen akka ka’uu fi Taayiwaan keessatti birmadummaa Chaayinaarratti shira uumuun olaantummaa addunyaarratti qaban eegsisuuf akka walta’an kaasaniiru.

Yeroo mara walhubannaatti nan amana kan jedhan Pireezidaanti Putiin, addunyaa hunda hammattee fi biyyoonni Lixaa waa’ee egeree waloorratti marii akka gaggeessan nan amana jedhaniiru.

Pireezidaanti Putiin marichi haala hirmaachisaa ta’een hatattamaan yoo gaggeeffame wayya jechuu isaanii RT’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment