Barri haaraan hojiileen misoomaa eegalaman ciminaan kan itti gaggeeffaman ta’uu qabu-Ordiin Badirii

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Barri haaraan hojiileen misooman eegalaman ciminaan kan itti gaggeeffaman ta’uu qabu jedhan Pireezidantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriin.

Obbo Ordiin bara haaraa 2017 sababeeffachuu ergaa bagaa geessanii dabarsaniin, barichi Itiyoophiyaaf kan nagaa, waldanda’uu, akka ta’uu hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Nagaan jiraannaan karoorrii fi kaayyoon kamuu milkaa’uu akka danda’uu eeranii, ummanni dhaabbilee nageenyaa cinaa dhaabbachuun nageenya naannawaa isaa eeggachuun hojiilee misoomaa eegalaman waaressuuf gahee isaanii akka bahatan dhaamaniiru.

Keessumaa wayita ayyaanicha kabajnu, miira waloomaa cimsuun harka qalleeyyii fi lammilee qabata hinqabne gaafachuun, kan qabnurraa waliif qooduun ta’uu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment