Barri haaraan aadaa hojii keenyarratti jijjiirama bu’uuraa fiduuf kan waadaa ofii gallu ta’uu qaba.

Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) – Barri haaraan 2015 aadaa hojii keenyarratti jijjiirama bu’uuraa fiduuf kan waadaa ofii gallu ta’uu qaba jedhan Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Obbo Shimallis Abdiisaa Bara Haaraa 2015 ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Guutummaan ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Baga geessaniin adeeffannaa dhala namaa ta’ullee, hawwii gaariin bara haaraa sababeeffachuun waliif dhaamnu hiika guddaa qaba.

Sakoondiitu daqiiqaa, daqiiqaatu sa’aatii, sa’aatiitu guyyaa, guyyaatu baatii, baatiitu waggaa tokko ta’ee bara haaraa agarra.

Jireenyi keenya tokkoon tokkoo waljalaa siiqiinsa yeroo kanaan murtaa’aa. Sakoondii tokkorraa kaasee waggaa tokko guutuu dabarsinu keessatti mudannoowwan, carraa fi qormaatilee, gaddaa fi gammachuu, kolfaa fi bo’icha hedduu dabarsina.

Carraas ta’e qormata, gaddas ta’e gammachuu akkuma akka isaanitti keessumeessinee garuu ammoo mudannoowwan keenya irraa barumsa guddaa fudhachuun abdii fi karoora haaraan jireenya haaraaf of qopheessuun adeemsa jireenya uumamaati.

Barri haaraan ammoo hunda caalaa, mudannoowwan keenya gaariis ta’ee madda qormaatilee keenya irraa barumsa guddaa fudhannee akeeka abdiin guutameen jireenya haaraaf kan itti of qopheessinuudha.

Waljalaa siqiinsa yeroo sakoondiirraa jalqabee raawwatu keessatti qormaatilee fi carraawwan mudatan hunda keessa darbanii bara haaraa gahuun carroomuu dha.

Waan ta’eefis, ummanni Oromoo fi ummattoonni Itoophiyaa biyya keessaa fi alaa jirtan hundi baga carroomtanii bara haaraa 2015 nagaan geessan jechuun barbaada.

Barri 2014 dabrsine bara qormaatilee hedduu itti keessumeessinedha.

Shirri diiguumsaa keessaa fi alaa nurratti agaamame walitti dhufeenya keenya duudhaa waloo baroota hedduuf gabbifanne kukkutuun akka sabaattis ta’ee akka biyyaatti nu diiguuf kan akeeke ture.

Diinni keessaa fi alaa kun akka akeekasaatti milkaa’uu baatullee, shira wal-fixiinsaa wixineessaniin lubbuu lammiilee keenya danuu dhabnee jirra. Sababa kanaan mana namoota hedduu gaddi seenee jira.

Qabeenyi gatii salphaatti hin tilmaamamne manca’ee jira.

Qabeenya uumamni nu badhaase fayyadamnee hiyyummaa keessaa bahuuf tattaaffii taasisnu danquuf shirri hamaan nurratti raawwataa ture.

Taateewwan idil-addunyaa akka eegamanitti ta’ee, shira dinagdee wixinaa’een ummanni keenya qaala’iinsa jireenyaatiin jireenya haadhaawaa akka dhiibu ta’ee jira.

Akeekni shira dinagdee kanaas ummanni hadhaa jireenyaatiin dhiibamee akka biyya ofirratti diigu ta’ullee, ummanni keenya ummata fageessee yaadu waan ta’eef kaayyoo diinaa fashaleessuu danda’ee jira.

Hanqina roobaan walqabatee bonni dheerachuudhaan hongeen naannawa horsiisee bulaatti mudates qormaata uumamaa salphaa hin jedhamne turre.

Qormaanni dilli kun kan nu mudate ta’ullee, eeboo shiraa diinarraa nutti darbatame gaachana keenya yeroo hundaa kan ta’e tokkummaa keenyaan ofirraa qolannee jirra.

Ummata dhiibbaa kamiifuu hin jilbeeffanne ta’uu keenya addunyaatti agarsiifnee jirra.

Duudhaa arjummaa adeemsa seenaa keessatti gabbifanneen harka waliif hiixachuun yeroo rakkina waliin ceenee bara haaraa abdii haaraan, jireenya haaraa itti akeeknu qaqqabnee jirra.
Barri 2014 bara qormaata hedduu itti keessumeessine ta’ullee, dandeettii qormaata gara carraatti jijjiiruu nu dandeessisan itti horannedha.

Qormaata keessa taa’anii madda qormaatilee gogsuun tasgabbii siyaas-dinagdee waaraaf bu’uura buusuun akka danda’amu barumsa guddaa irraa fudhannee jirra. Hanga fedhe qormaanni heddumaatu humni imala badhaadhinaa eegalle irraa nu dhaabu danda’u akka hin jirre bara itti mirkaneeffannedha.

Itoophiyaan biyya qormaataan diigamtu osoo hin taane, biyya inumaayyuu qormaanni ishii cimsu ta’uu qabatamaatti agarree jirra. Kanaaf, barri 2014, bara qormaataa duwwaa osoo hin taane bara galmoota Badhaadhina hunda galeessaaf bu’uura cimaa itti buusnee dha.

Biyyoonni guddina keenya hin feene beela’anii harka kennatu jedhanii qoqqobbii dinagdeetiin nu adabuuf yommuu shiran, bonaan qamadii oomishnee midhaan nyaataan of danda’uu qofa osoo hin taane nurraa hafee alatti erguu akka dandeenyu mirkaneessinee jirra.

Haala rakkisaa keessatti piroojaktoota bu’uura misoomaa kuma 20 ol waggaa tokko keessatti hojjennee xummuruun imala Badhaadhinaatiif daandii mijataa uumuu dandeenyee jirra.

waliigalaan yommuu ibsamu bara 2014 keessatti qormaatilee uumamaa fi namtolchee danuun kan nu mudatan ta’ullee, cichoomaa fi jabinni agarsiifne karoora keenya bara 2015 tiif barumsi guddaan kan irraa fudhatamudha.

Barri haaraan abdii fi carraawwan hedduu fidee dhufa. Barnoota mudannoowwan bara 2014 irraa arganneefi muxannoo horanneen abdii keenya bara haaraa kan itti dhugoomsinu; carraawwan eegnu kan itti bal’ifannu taasifnee itti fayyadamuu qabna.

Hundaa ol toorri xiyyeeffannaa shira diigumsaa diinaa danummaa keenya ta’uu godaannisni bara gadaa wayyaanee sabaaf sablammoota biyya keenyaa irra gahe agarsiiftuu guddaadha.

Haa ta’u malee, gaachanni agaammii diigumsaa diinaa ittiin qolannu obolummaa dhugaa ijaaruudha.

Seenaa biyya keenyaa keessatti sababa danooma keenyaan tokkoon keenya kaan keenyaaf carraa malee sodaa taanee hin beeknu.

Tokkoon keenya yoo miidhamne kaanis waliin dhukubsata, miira tokko qooddata.

Carraa fi abdiin tokkoon tokkoo keenyaa walitti hidhataadha.

Madaafi dhibee jibbiinsaa diinni nu keessatti uumee dhiifamaan hirphinee bara haaraa abdii guddaan haa simannu.

Duudhaa godhannee ittiin haa jiraannu. Sabdaneessummaa obbolummaa itite cimsuun qaawwa diinnii ittiin nu seenu duuchuun nageenya waaraa mirkaneeffachuun xiyyeeffannaa keenya bara haaraa ta’uu qaba.

Maddi saaxilamummaa keenya inni guddaan hiyyummaadha.

Hiyyummaan xuriidha, gidduseentummaaf nama saaxila, dhiibbaa jalatti nama kuffisa.

Waan ta’eef, hiyyummaa obbaafachuun badhaadhina dhugoomsuun dirqaama dhaloota har’aati.

Dirqamni dhalootaa kun hiree murteeffannaa tokkoon tokkoon lammilee keenyaan dhugooma.

Wanti dagatamuu hin qabne garuu hiyyummaa keessaa bahuuf carraa bal’aa qabna.

Carraa qabnu hunda duguugnee fayyadamnaan irreen ittiin diina jala dhaabannuufi dhiibbaa ittiin dandamannu cimuu akka danda’u jalqabbiin keenya bara darbee agarsiiftuu guddaadha.

Kanaaf, barri 2015 bara carraawwan misoomuuf qabnu itti bal’isnu, omishtummaa keenya kan itti guddisnu, itti fayyadamaa fi kalaqni teekinolojii keenyaa kan itti dabalu, wabii miidhaan nyaataa mirkaneessuu bira dabarree hirmaannaa gabaa biyya alaa keenya kan itti guddisnu akka ta’uuf jabaaannee hojjechuu qabna.

Akeekni hiyyummaa keessaa bahuuf qabanne aadaa hojii keenyaan murtaa’aa.

Aadaan hojii keenyaa ammoo rakkoo guddaa qaba.

Barri haaraan kun aadaa hojii keenyarratti jijjiirama bu’uuraa fiduuf kan waadaa ofii gallu ta’uu qaba.

Keessumattuu yeroo hojii kabajuun, hojii tuffachuu keessaa bahuun, miira tajaajiltummaa gabbifachuun, hanna lagachuun, kalaqa babal’isuun carraa hojii kan itti uummannu, akkasumas sirnaafi seeraaf bitamuun qajeeltoowwan aadaa hojii fi hojimaata dinagdee keenyaa ittiin fooyyeessinu taasifnee itti fayyadamuu qabna.

Walumaagalatti barri haaraan 2015, bara hojjennee bu’aa itti aragnnu, kan daldallee itti buufannu, bara badhaadhinaaf bu’uura cimaa itti ijaarru, hundaa ol bara obbolummaa dhugaan tokkummaan keenya ititee nageenya waaraan itti mirkanaa’u akka nuuf ta’u hawwaa, irra deebiidhaan baga bara haaraa 2015 nagaan geessan jechuun barbaada.

Shimallis Abdiisaa, Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Qaammee 5, 2014

Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment