Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC) – Bara oomishaa 2017 guddina diinagdee % 8.4 galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gaaffii fi yaada miseensota mana mareerraa ka’aniif ibsa kennaniin himaniiru.
Barri kun bara bu’aa riifoormii qabatamaa itti agarrudha jedhan.
Bara dhaloota qabatamaan itti fufsiisuu eeggalluudha.
Bara Yaada,gochaatti jijjiiruun Itiyoophiyaa qabatamaan jijjiirru ta’a jedhan.
Jijjiirrama qabatamaa fi mul’ataa guddina % 8.4 itti galmeessuuf karoorfame, bara xiyyeeffannoon addaan bu’aa qabatamaan lafatti mul’atuudha jedhan.
Dameen Qonnaa guddina % 6.1 ni galmeessan kan eegamu ta’uu eeraniiru.
Qonna Gannaa fi Bonaan lafa hektaara miiliyoona 30 misoomsuun callaa kuntaala biiliyoona 1.4 argachuuf hojjetamaa jira.
Oomisha midhaaniin guddinni % 6.6 ni eegama jedhan.
Misooma maaddiin guutuun guddinni olaanaan argame bara kanas caalmaatti itti fufuun guddina % 5.4 ni agarsiisaan eegama.
Oomisha Bunaan hojii hojjetamaan addunyaarraa tarree oomisha olaanaa galmeessaan jalqabaa keessa jirra.
Bara 2017 Oomishaa Bunaa Toonii kuma 450 ol gabaa alaaf dhiyeessuun Doolaara biiliyoona 2 argachuuf karoorfameera.
Dameen Indaastirii % 12.8 Guddina ni galmeessaan eegama jedhan.
#Oromia #Ethiopia