Barri 2017 bara imala badhaadhinaa eegalle itti dhugoomsinu haa ta’u – Obbo Dastaa Leeddaamoo

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon bara haaraa 2017 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan.

Barri haaraan 2017 bara tokkummaan itti cimu, nageenyi itti waaromu, misoomnii fi guddinni itti mirkanaa’u bara ifaa fi badhaadhinaa akka ta’uu hawwiniiru.

Bara mootummaa jijjiiramaa keessa rakkoolee walxaxaa fi qormaatilee hedduu dandamachuun injifannoon cineera jedhan.

Riifoormii fi karoorri guddinaa eegalaman gara badhaadhinaatti kan nu fudhataniidha.

Hambaalee, beekumsa, abshaalummaa, ogummaa fi qajeeltummaa biyyaalessaa qabnu fayyadamuun irree tokkoon hojjechuun gara badhaadhinaatti haa ceenu jechuun dhaamaniiru.

Barri haaraan bara kan yaadame itti milkaa’u, bara gammachuu, badhaadhinaa fi nageenyaa akka ta’u hawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment