Finfinnee, Qaammee 5, 2013 (FBC) – Barri 2013,Seenaa Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa keessaatti bara qormaanni itti heddumatee fi faallaasaan milkaa’inni argamee hin beekne itti argame ta’uu ibsameera.
Waajjirri Preezdaantii bulchiinsa naannoo Oromiyaa haala waliigalaa bara 2013 ilaalchise ibsa laateera.
Guutuun ibsichaa akka armaan gaditti dhiyaateera.
Naannoo Oromiyaatti barri 2013 bara baay’aachuun qormaataa,milkaa’ina hojii misoomaaf gufuu osoo hin ta’iin darbe ta’uu Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa ibseera.
Jabina,cichoominaa fi kutannoo Preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan bara keessa dabarre kana Naannoon keenya hojii misoomaa,siyaasaa fi nageenyaan mikaa’inni argame qormaata baroota kanaan duraa waliin milkaa’ina tureen yoo madalaman, yeroo heddummachuun qormaataa milkaa’ina hojii misoomaaf gufuu hin taane ta’uun seenaa keessatti yaadatamu ta’eera jedhame.
Bara 2013 keessa galiin naannoon Oromiyaa galche dachaan dabaluun, bu’aa hojii qonnaan argamee kan hin beekne al ergiin naannichaa qarshii biliyoona 3.6tti ol guddachuu bara itti danda’e ture.
Baroota darban keessa naannoon Oromiyaa,naannoolee jiran keessaa naannoo piroojeektoonni jalqabbii malee,goolabama hin arganne tahuun kan beekamtu yoo tahu,bara hojii 2013 keessa garuu piroojeektota gosa adda addaa kuma 11,001 ol bara itti xumuramuun eebbifamanis ture.
Kana malees,Seenaa naannoo keenyaa keessatti kutannoo Hooggansa Naannoo keenyaafi Pirezidaanti Shimallisiin sektera barnootaaf qaban kan yeroo kamiiyyui caalaa jabaa tahuusaan manneen barnoota Abdii Boruu sadarkaa 2ffaa 100 fi Boarding School 7,akkasumas hojii tajaajila lammummaan manneen barnootaa bu’uura boruu 3000 tahan bara itti ijaaramuun tajaajila kennuu eegalanidha.
Gama kaaniin,sochii ashaaraa magariisaa duudhaa keenyatti deebi’uu qabna jechuun bara kana taasifameen uwwisni bosona naannoo keenyaa gulaantaa hin eegamneen yeroo itti dabales ture.
Barri darbe kun, bara haallii nageenya biyya keenyaafi naannoo Oromiyaatis qormaata ulfaataa keessumeessaniifi filannoon marsaa 6ffaa itti gaggeeffame tahus injifannoon gama kanaan argaman,akkaataa diinonnii keenya eeganiin faallaa tahuun kufaatirra,milkaa’inni hedduu bara itti argamedha.
Milkaa’inni argame bu’aa yaadaafi kutannoo Hooggansa naannichaafi qindoomina haawwaasa naannoo keenyaan yoo tahu,rakkoolee irra deddeebiin mudatan cichoominaan maksuun humna uummataatti fayyadamanii hojjetanii hojjechiisuun shoorri Pirezidaant Shimallis garuu,ol aanaa tahuusaan milkaa’inni hin eegamne bara itti galmaa’e taheera.
Haaluma kanaan,bu’aan qormaata keessatti argame galaa egeree ijaarsa Oromiyaa godhachuun barri itti aanuu yeroo waan xixxiqqootti quufuufi waan xiqqoonis gufachuu hin qabne tahuu barree hir’inoota darban sirreessuun rakkoo siyaas dinagdee naannoo keenyaa tokkummaan furree Oromiyaa barbaannuufi Itiyoophiyaa hunda keenyaaf toltu itti ijaarrudha.
Haaluma kanaan yeroon itti aanaan akka diinonni keenya eegan yeroo itti kufaatii keessumeessinu osoo hin taane,rakkoo qulqullina ilaalchaa,qisaasama qabeenyaafi baajetaa,gabaasa sobaa,naannummaa,hannaafi rakkoolee biroo maksuun gaachana sirnaa cimaa ijaaruun nageenya keenya mirkaneessuunee,ijaarsa dhaabaa,mootummaafi sirna jabeessuun maatii hanga biyyaatti wal qabannee Oromiyaafi Itiyoophiyaa itti ijaarudha.
Barri bara nagaa,jaalalaafi badhaadhina nuuf haa tahu.
Waajjira Preezdaantii MNO
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.