Barreessaan Asoosama Afaan Oromoo jalqabaa Gaaddisaa Birruu boqatan

Finfinnee, Adooleessa 13, 2013 (FBC) – Barreessaan Asoosama Afaan Oromoo jalqabaa Gaaddisaa Birruu Waaqaa addunyaa kanarraa du’aan boqatan.
Afaan Oromoodhaan asoosama jalqabaati kan jedhamu Kuusaa Gadoo kan barreessan obbo Gaaddisaa Birruu addunyaa kanarraa du’aan boqataniiru.
Gaaddisaan Birruu abbaa isaa Birruu Waaqaa fi harmee isaa Bijigee Gonfaa irraa bara 1950 A.L.Itti, Godina Arsii, Magaalaa Boqqojjiitti dhalatan.
Bara 1965 Kolleejjii Barsiisota Asmaraatti barachuun aartii Oromoo Guddisuu irratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u, boodas Yuunvarsiitii Finfinneetti digirii isaanii Hog-barruun barachuun xumuraniiru.
Og barruu Afaan Ingiliziitiin Digirii 2ffaa Yuunvarsiitii Finfinneerraa fudhattaniiru.
Waggoota jahas ogummaa barsiisummaan tajaajilaniiru.
Akkaadaamii Afaan Saboota Ityoophiyaa kan jedhamu keessas hojjechaa kan turan yoo tahu, koree waaltina Afaan Oromoof jalqaba irraa eegaluun nama tumsa ol-aanaa bahatanidha.
Obbo Gaaddisaan namoota Waldaa Barreessitoota Oromoo hundeessan keessaas tokko yoo ta’an, nama dadhabe osoo hin jedhiin waldicha cimsuuf dhama’aa turan akka ta’es himameera.
Obbo Gaaddisaan dhalatanii umrii waggaa 63 ffaa isaaniitti addunyaa kanarraa du’aan boqataniiru.
Faanaa Broodkaastiing Korporeet boqachuu obbo Gaaddisaatti gaddi itti dhaga’amuu ibsuun, maatii, Firoottaan, hiriyoota isaa fi ummata Ityoophiyaa hundaaf jajjabina hawweera.
Awwaalchi isaanii guyyaa boruu bakka maatiin, firoottanii fi dinqisiifattoonni isaa argamanitti mana Amantaa Kiristiyaanaa Yooseefitti ni raawwata jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment