Barreessaa olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoon Ministiraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Poorchugaal waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 28, 2013 (FBC)- Barreessaa olaanaan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa (IGAD) Dooktar Warqinaa Gabayyoon Ministira Ministeeraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Poorchugaal Jaa’oo Goomees Kiraaviinoo waliin mari’ataniiru.

Marii viidiyoo konfiraansiin gaggeessaniin dhimmoota Ji’opoolatiikaa, nageenyaa galaanaa, baqattummaa fi dhimmota biroorratti mar’achuu isaanii Dooktar Warqinaa Gabayyoon fuula Feesbuukii isaaniitin ibsaniiru.

Gamtaa Awrooppaatti preezdaantiin mana maree Poorchugaal IGAD hariiroo Gamtaa Awrooppaa waliin qabu caalmaan ni cimsaa jedhaniiru.

Dooktar Warqinaan Poorchugaaliif ergaa bagaa gammaddees dabarsaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment