Barreessaa Olaanaan DhMG Antooniyoo Guutareez hoggantoota Raashiyaa fi Yuukreen waliin mari’achuuf ta’uu gabaafame

Finfinnee, Eebila 17, 2014 (FBC)- Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez hoggantoota Raashiyaa fi Yuukreen waliin mari’achuuf ta’uu gabaafameera.

Antooniyoo Guutareez guyyaa boruu Preezdaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin kan mari’atan yoo ta’u, guyyoottan lama booda ammoo Preezdaantii Yuukreen Vooloodmiir Zelaniskii waliin kan mari’atan ta’uu ibsameera.

Marii isaaniin waraana biyyoota lameen gidduutti gaggeeffamaa jirurratti haala furmaanni itti kennamuu danda’amurratti kan mari’atan ta’uu CGTN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment