Barnoota bara 2013 Onkololeessa 30,2013 eegaluuf ture yeroo hin murtoofnef dheereeffamu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC)- Barnoota fulaa fi fulaa bara 2013 Onkololeessa 30,2013 eegaluuf ture yeroo murtoofnef dheereeffamuu Biiroon Barnootaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Barnoonni kutaa 8ffaa fi 12ffaan cimee itti fufa jedhameera.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara barnoota 2013f barattoonni karaa vaayrasii koroonaatif hin saaxilamneen Onkololeessa 30, 2013 barnoota eegaluuf hojii qophii duraa raawwata turuun isaa ni yaadatama.

Baatii Onkololeessa 16, 2013 darbe kan eegalee barnoonni kutaa 8ffaa fi 12ffaa hojii baruu fi barsiisuu cimee akka itti fufuu biirichi ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment