Barnoonni nageenya daandii digirii 2ffaan eegalamuufi

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Sagantaan Barnoota nageenya daandii digirii 2ffaan eegalchiisuu gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Mogasii fi Preezdaantiin Yuunvarsiitii Finfinnee Proofeessar Xaasaw Waldahaannaa bakka argamanitti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Barattoonni 25 naannolee keessa filataman marsaa duraan kan baratan ta’uu ibsameera.
Yeroo itti aanus damichaan ogeeyyii hedduu leenjisuuf karoorfamuu aadde Daagmaawiit ibsaniiru.
Balaa tiraafikaa yeroo ammaa baayy’achaa jiruuf ka’umsi damichaan hanqinni humna nama baratee dhabamuu ta’uu kaasaniiru.
Damicha humna nama barateen hogganuun balaa Tiraafikaa qaqqabu hir’isuuf karoorfamuu eeraniiru.
Barnoonni nageenya daandii bara barnootaa 2014 eegalee sirna barnootaa keessa galuun kan laatamu ta’uu ibsameera.
Yuunvarsiitiin Finfinnee giddugala hayyootaa nageenya Tiraafikaa waliin walqabatu hundeessuuf karoora qabaachuu himameera.
Ministeerri Geejjibaa fi Yuunvarsiitiin Finfinnee damichaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu isaanii ibsameera.
Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment