Baricha bara dhimma Abbayyaarratti injifannoon siyyaasaa olaanaan itti galmaa’eedha- Hayyoota

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Barri 2012 bara dhimma Abbayyaarratti injifannoon siyyaasaa olaanaan itti galmaa’e ta’uu hayyoonni ibsan.
 
Barri 2012 bara dhimma Abbayyaarratti injifannoon siyyaasaa olaanaan itti galmaa’uun seenaan addaa hojjetame ta’uu Yuunvarsiitii Finfinneetti qorataan Bishaanii fi Afrikaatti barsiisaan dhimmoota qorannoo Proofeesara Tasfaayee Taaffasaa fi Barsiisaan Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddoo obbo Nigaatuu Abbabaa dubbataniiru.
 
Milkaa’inni bara kanaa bara itti aanuuf carraa olaanaa ta’uu kaasaniiru.
 
Guutinsi bishaanii marsaan duraa milkiin xumuramuun hojiin diippiloomaasii hojjetame cimaa ta’uu muul’isa jedhan.
 
Gibtsi deeggartoota misoomaa Ityoophiyaa irratti dhiibbaan uumtu jiraachuu kan eeran hayyoonni kunneen, sosochiin Ameerikaa tibba kanaa agarsiiftuu tokko jedhaniiru.
 
Adeemsi Preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traamp hordofaa jiru Ameerikuma kan miidhuu fi Afrikaannoota hedduu kan komachiiseedha jedhan Proofeesar Tasfaayeen.
 
Bara itti aanu lammiilee Ityoophiyaa fi hawaasa Diyaaspooraa irraa hojii hedduun kan eeggamu ta’uu hayyoonni kunneen eeraniiru.
 
Bara eegallu kana keessa hirmaannaa olaanaa taasisuun hojiilee eegalaman saffisaan xumuruu yoo dandeenye daandiin diippiloomaasii kan salphatu ta’uu himaniiru.
 
Dabalataan akkuma kanaan dura dhimmoota faayidaa biyyaaleessaa miidhan irratti ejjannoon eegalame cimee itti fufu qaba jechuun hayyoon kunneen dubbataniiru.
 
Silaabbaat Maannaayyeetu gabaase
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Comments (0)
Add Comment