Barbareen Seeran ala kuufame to’atame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Yekkaatti barbareen seeran ala kuufame kuntaalli 200 to’atame.
 
Kutaa bulchiinsa Yekkaa aanaa 10 iddoo addaa Saalayshii fi gooxii Goohi jedhamutti barbeen kuntaallii 200, Qullubbii Adiin kuntaalli 15 fi Ashaboon kuntaalli 5 seeran ala kuufame ture to’atamuu Koomishiniin Poolisii magaalichaa beeksiseera.
 
Gochichi gocha ta’e jedhamee faayidaa hin malle argachuu fi uummata jeequuf kan raawwatame ta’uu ajejaan buufata poolisii naannoo Kotabee Komaandar Bayyanaa Dheereessaa dubbataniiru.
 
Hawaasni gochaa akka kanaarraa of qusachuu akka qabuu fi yakka kamuu ittisuuf Poolisii waliin dhaabbachuu akka qabu Koomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeessera.
Comments (0)
Add Comment