Barattuu miila akka harkaatti fayyadamuun qormaata kutaa 12ffaa Onlaayiniin qoramaa jirtu Keeyiraa Jamaal

Finfinnee, Adoolessa 9, 2016 (FBC) – Uumamaan harka lamaanuu malee kan dhalatte Barattuu Keeyiraa Jamaal qormaata Biyyaalessaa kutaa12ffaa marsaa 2ffaa miila akka harkaatti fayyamuun Onlaayiniin qoramaa jirti.

‘Qaama miidhamtuu ta’uun koo caalmaatti na jabeessa malee bakkan ga’uuf yaadurraa na hin hambisu’ jetti Barattuu Keeyiraa Jamaal.

Barattuu Keeyiraa Jamaal barnootaa sadarkaa 2ffaa Mana Barumsaa Maariyaam Safar lakka 1 jedhamutti kan xumurte yoo ta’uu, barattuu jajjabee fi qaxalee ta’uu ishee barsiisonni ishee ni dubbatu.

Guyyaa har’aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa saayinsii uumamaa miila ishee akka harkaatti fayyadamuu Yuunivarsiitii Dirre Dhawaatti qoramaa jirti.

Qormaata kana qabxii gaariin darbuun bara dhufu Yuunivarsiitii seenuuf abdii qabaachuu dubbatti Barattuu Keeyiraa Jamaal.

Qaama miidhamaan waan hunda raawwachuu akka danda’u Barattuu Keeyiraan qabatamaan agarsiisuu ishee TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment