Barattoota qormaata kutaa 8ffaa fudhatan keessaa %73.11 darbaniiru-BBO

Finfinnee, Adoolessa 25, 2016 (FBC)- Barattoota qormaata naannoo kutaa 8ffaa bara 2016 fudhatan keessaa %73.11 darbuu Biiroon Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Barattoota qormaaticha fudhatan kuma 539 fi 874 keessaa barattoonni kuma 394 fi 693 qabxii darbiinsaa galmeessuun gara daree ittaanuutti darbuu eereera.

Haaluma walfakkaatuun barattoota qormaata kutaa 6ffaa fudhataan kuma 503 fi 726 keessaa barattoonni kuma 408 fi 476 yookaan %81.6 darbuu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment