Barattoota qabxii olaanaa galmeessaan 60f leenjiin hoggansaa fi tajaajiltummaa laatamuufi

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2013 (FBC) – Barattoota qabxii olaanaa galmeessaan 60f leenjiin hoggansaa fi tajaajiltummaa laatamuuf ta’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa beeksiise.

Naannoo hundarraa barattoota qabxii olaanaa galmeessuun barumsa isaanii xumuran 60n dhaabbilee garaagaraattti bobba’uun leenjii hoggansaa fi tajaajiltummaa qabatamaan kan leenji’an ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa aadde Fiilsan Abdullaahiin ibsan.

Ministeerichi dargaggoota kanneen kan leenjisu dhaabbata miti mootummaa ‘Seentar foor Afrikaan Liidarshiip’ jedhamu waliin mallatteessuu ibsaniiru.

Dargaggoota kanneeniif ji’aan mindaan birriin kumni 6 ni kaffalama jedhan.

Sagantichi itti fuufiinsaan waggoota 5f kan turu yoo ta’u,lakkoofsi dargaggootaa waggaa waggaan dabalaa kan deemu akka ta’e aadde Fiilsan dubbataniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

Comments (0)
Add Comment