Barattoota kutaa 8ffaa fi 12ffaatin ala kaan gara barnoota itti aanutti akka darban murtaa’e

Finfinnee, Adoolessa 3,2012(FBC)- Barattoota kutaa 8ffaa fi 12ffaatin ala barattoonni kaan gara barnoota itti aanutti akka darban murtaa’e.

Ministeerri Barnootaa FDRI barattoonni sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa; barattoota kutaa 8ffaa fi 12ffaatin ala gara kutaa barnootaa itti aanutti akka cee’an murtaa’uu beeksiseera.

Ministirri ministeerichaa Dooktar Geetaahuun Makuriyaan akka beeksisanitti barattoonni qormaata naannoo fi biyyoolessaa fudhatan barnoonni yeroo eegalutti, barnoota bakka buutii guyyootii 45 ega fudhataniin booda qormaatamu.

Qormaata seennii dhaabbilee barnoota olaanoo kallattii intarneetitiin laachuuf qophiin taasifamaa jiraachuu fi manneen barnootaa adda baafamaa jiraachuunis ibsameera.

Galmeen barattoota manneen barnootaa dhuunfaas ta’e kan mootummaa dhuma Hagayyaa keessa kan eegalamu ta’a.

Manneen barnootaa dhuunfaa daballii gatii taasisuu hin danda’anis jedhameera.

 

 

Comments (0)
Add Comment