Barattoota 170 ol irratti tarkaanfiin bulchiinsa fudhatame

Finfinnee, Muddee 26, 2012 (FBC) –Barattoota walitti bu’iinsa dhaabbilee barnoota  olaanoo keessaatti uumame keessa harka qabu kan jedhaman 450 irratti tarkaanfiin fudhatame.

Walitti bu’iinsa dhaabbilee barnoota olaanoo naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti aragamanii fi hookkara ilaalchisuun Ministerii Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Komishinii Poolisii Federaala waliin ibsa laataniiru.

Ibsicha kan laatan Deettan Ministira Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Kiflee fi Itti aanaa Komishinii Poolisii Federaalaa Komishinar Malaakuu Faantaati.

Ibsichaan guyaa 15 darbaan qofaa barattoota 170 ol tarkaanfii wagga 1 hanga barnootarra ari’uutti kan fudhatame ta’u eerameera.

Barattoota 280 oliif ammoo akkeekkachiisni dhumaa laatameera.

Rakkinni hookaraa uumameen qaqqabe furmaata akka argatuuf mootummaan federaalaa fi naannoolee akkasumas qaamoleen dhaabbilee barnoota olaanoorra walitti baba’aan gamaaggama taasisaaniiru.

Gamaaggama taasifameen qaamoleen hokkaraa fi rakkinichaaf sababa ta’an irratti tarkaanfiin akka fudhatamu ta’eera jedhame.

Kanaan walqabatee barsiisoota fi hojjetoonni bulchiinsa 10 ol waliigalteen hojii isaanii akka haqamu ta’eera.

Yeroo ammaan kana dhaabbileen barnootaa hangi tokko guutumaatti adeemsa baruu fi barsiisuutti deebi’u ka’eera jechuun Yismaaw Adaraatu gabaase.

 

Comments (0)
Add Comment