Barattoonni yuunvarsiitii yeroodhaf gara maatii isaaniitti akka deebi’an murtaa’e

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) – Barattoonni yuunvarsiitii yeroodhaf gara maatii isaaniitti akka deebi’an murtaa’uu Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo beeksise.

Ministir deettaan ministeerichaa Dooktar Saamu’eel Kifleen Faana Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti murtichi weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf kan darbedha jedhan.

Vaayrasichaan miidhaan hamaan akka irra hin geenyef kan murtaa’edhas jedhan.

Yeroo gara maatiitti deebi’an vaayrasicharraa akka of eeganis dhaamameera.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment