Barattoonni Yuunvarsiitii Haramayaa Haroo Haramayaa qulqulleessan

Finfinnee, Muddee 16, 2014 (FBC)- Barattoonni Yuunvarsiitii Haramayaa Haroo Haramayaa Balfa garaagaraan faalamee jiru qulqulleessan.

Haroon haramayaa baroota dheeraaf badee kan turee fi dhiyeenya kan deebi’ee ta’uun isaa ni yaadatama.

Yuunivarsiitii haramayaatti preezdaantiin gamtaa barattootaa barataa Amiir Abduramaan barattoonni hojii qulqullinaa kanarratti hirmaachuun qaama tajaajila hawaasummaa yuunvarsiitichi hawaasaaf kennu tahuu bira darbee walitti dhufeenya barattootaa fi hawaasa gidduu jiru kan cimsu ta’uu kaaseera.

Fakkeenyummaa barattoonni yuunivarsiitii haroo kana qulqulleessuun agarsiisan kanarraa qaamni hundi barnoota fudhachuun haroo kanaaf eegumsa taasisuu qaba jedheera.

Barattoonni hojii qulqullinaa kanarratti hirmaatan qabeenya uumamaa kana qulqulleessuutti akka gammadan ibsuun, hawaasni haroon kun qabeenya isaa tahuu beekuun balfa itti gatuurraa akka of qusatu dhaamaniiru.

Biqilaa Alamuutu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment