Barattoonni Waldaa Misooma Oromiyaa bara 2013 qormaata seensaa kutaa 12 ffaa fudhatan qabxii olaanaa galmeessuu ibsame

Finfinnee,Gurraandhala 17, 2014 (FBC) – Barattoonni Waldaa Misooma Oromiyaa bara 2013 qormaata seensaa kutaa 12 ffaa fudhatan 177, keessaa barattoonni 101 qabxii olaanaa galmeessuu ibsameera.
Jiraattoonni Godinaalee Jimmaa,Iluu Abbaa-Boor fi Arsii Lixaa, barattoota Mana Barumsaa Bultii Addaa Adaamaa fi Bishooftuuf Xaafii,Buna,dammaa fi Sangoota deeggaraniiru.
Sagantaa walharkaa fuudhinsa deeggarsa kanaarratti argamuun haasawaa kan taasisan Walitti qabaan Boordii Waldaa Misooma Oromiyaa obbo Abbaaduulaa Gammadaa, guyyaa gammachuu kanatti fageenyi osoo isin hin daangesiin qaamolee deeggarsa galateeffataniiru.
Barattoonni Waldaa Misooma Oromiyaa bakka deemaan hundumatti naamusaanis ta’e qabxii gaarii galmeessisuun uummatasaanii boonsaa jirus jedhan.
Waldaan Misooma Oromiyaa qabeenya uummataati kan jedhan obbo Abbaaduulaan Waldaan kun miseensota miiliyoona 7 ol qabaachuu ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo,Biiroon Barnoota Oromiyaa dhaloota boruu barnootaan qaroome uumuuf WMO waliin qindoominaan hojjeta jedhan.
Hojii gaarii WMO’n hojjetu imaammata barnootaa keessatti galchuun hojiirra oolchuuf qophii ta’uus eeraniiru.
Oromiyaa galaana hayyootaa ni taasisna dhaadannoo jedhuun hojjechaa jiraachuus dubbataniiru.
Daayreektarri Olaanaan WMO obbo Dajanee Itichaa, barattoonni WMO bara 2013 qormaata seensaa kutaa 12ffaa fudhatan 177 keessaa barattoonni 101 qabxii olaanaa galmeessisun akka biyyatti milkii itti arganneerra jechuu isaanii OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment