Barattoonni qormaata marsaa 2ffaa fudhatan Onkoloolessa 5, 2015 eegalee Yuunivarsiitii itti ramadaman seenu

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2015 (FBC) – Barattoonni Qormaata marsaa 2ffaa fudhatan Onkoloolessa 5, 2015 eegalee Yuunivarsiitii itti ramadaman kan seenan ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Barattoonni qormaata biyyaalessa kutaa 12ffaa damee saayinsii Hawaasaa qormaata xumuran gara naannawasaanitti deebi’aa jiru.

Barattoonni Qormaata marsaa 2ffaa fudhatan immoo Sanbata dhufuu eegalee gara Yuunivarsiitii itti ramadamanii kan galan ta’uu ragaan Ministeera barnootarraa argame ni mul’isa.

Marsaa jalqabaan barattoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 86 ol qormaata fudhachuu isaanii ministeerichi beeksiisee ture.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment