Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan 702 qabxii 600 ol galmeessan

Finfinnee, Bitootessa 20, 2013 (FBC)- Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2012 fudhatan 702 qabxii 600 ol galmeessuun isaanii ibsameera.

Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa 2012 fudhatan walakkaan firii qormaaticha 350 ol galmeessaaniiru.

Firii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee Ejansiin Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa ibsa laateera.

Daayreektarri Olaanaan Ejansii Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa Dooktar Dilaamoo Otaree, qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2012 kan galmaa’ee, kan qoramee akkasumas bu’aan argamee olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Barattoota qormaaticha fudhataan waliigala keessaa %55.7 firii qormaata 350 ol fidaaniiru jedhan.

Ibsichaan firiin qormaatichaa kan bara darbee wal bira qabamee yoo ilaallamuu fooyya’aa ta’uu kan ibsamee yoo ta’u, barattoonni firii qormaatichaa 600 ol 702 ta’uu ibsameera.

Firii olaanaa bara kana galmaa’ees 669 ta’uu daayreektarichi himaniiru.

Barattoonnis fuula marsaariitii hawaasaa eejensichaarratti akkasumas ergaa gababa 8181 lakkoofsa adda qormaataa isaanii galchuun boruurra eegalanii firii isaanii ilaallachuu ni danda’uu jedhaniiru.

Yeroon seensaa yuunvarsiitii fi qabxiin darbiinsaa ilaalchisee Ministeeraa Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa olaanoo waliin hojjetamaa jiraachuu Dooktar Dilaamoo Otaree himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

Comments (0)
Add Comment