Barattoonni qaroo dhabeeyyiin barnoota isaanii teeknooloojii fayyadamuun haala fooyyee qabuun akka hordofaniif Walii galteen deeggarsaa mallattaa’e

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Barattoonni qaroo dhabeeyyiin barnoota isaanii teeknooloojii fayyadamuun haala fooyyee qabuun akka hordofaniif Walii galteen deeggarsaa mallattaa’e.

Waliigalteen kun Ministeera barnootaa fi gidduugala teeknooloojii mijataa qaroo dhabeeyyiif jedhu gidduutti mallattaa’eera.

Waliigalteen kunis barattoonni qaroo dhabeeyyiin Koompiiyuutaraan, Breeylii fi meeshaalee gargaarsaa biroon barnoota isaanii akka hordofan kan gargaarudha jedhame.

Haala baruu fi barsiisuurratti bu’aa olaanaa fiduu akka danda’u eerramuu isaa ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment