Barattoonni kumni 560 qormaata kutaa 12ffaa fudhachaa jiru-Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Fulbaana 30, 2015(FBC)- Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa giddugaloota qorumsaa 130 keessatti barattoota kuma dhibba 5 fi kuma 60’f kennamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan jalqabbii fi haala waliigalaa adeemsa qormaatichaarratti ibsa laataniiru.

Giddugaloota qormaataa 130 keessatti barattoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 60 qormaaticha karaa nagaafi tasagabbii qabuun fudhachaa jiraachuu ibsaniiru.

Yuunivarsiitii Hawaasaatti sababa riqichi jigeen barattoota muraasarra miidhaan qaqqabuufi barattoonni kunneen yaala fayyaa argachaa jiraachuu ministeerichi ibsaniiru.

Miidhaa isaaniirraa erga dandamatanii booda qormaaticha kan fudhatan ta’uus eeraniiru.

Dabalataanis Yuunivarsiitii Maqdalaa Anbaatti aanaa tokkorraa barattoonni manneen barnootaa sadii qormaaticha fudhachuu akka hin barbaanne ibsuun ba’uu eeruun, sababa isaanii qulqulleeffachuun tarjkaanfiin kan fudhatamu ta’uu ibsameera.

Kanarraan kan hafe qormaatichi karaa nagaan kennamaa jiraachuu kaasaniiru.

Gama biraan Yuunivarsiitii Finfinnee mooraa Saayinsiifi Teekinooloojiifi Mooraa Kiiloo 6tti argamuun adeemsa kenniinsa qormaatichaa daawwataniiru.

Qiddist Tasfaayeetu Gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment