Barattoonni kumni 400 fi kumni 99 ol qormaata seensa Yuuniversiitii fudhachuuf galmaa’uu ibsame

Finfinnee, Mudde 21, 2017 (FMC) – Bara barnootaa 2017 qormaata seensa Yuunivarsiitii fudhachuuf hanga ammaatti barattoonni kumni 400 fi kumni 99 ol galmaa’uu Tajaajilli Barnootaa fi madaallii qormaatilee biyyaalessaa beeksise.

Bara kana barattoonni Kutaa 12ffaa kumni 700 fi kumni 50 ol qormaata seensa Yuuniversiitii ni fudhatuun kan eegamu ta’uu Itti Gaafatamaan Deeksii galmee, sirreessa qormaataa fi qindeessa qabxii Maa’iraaf Leereeboon dubbataniiru.

Yeroo ammaas galmeen barattoota idilee karaa Interneetiin gaggeeffamaa jiraachuu eeruun, Adeemsi galmee Mudde 8 eegalee hanga Amajjii 6, 2017 kan turu ta’uu Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif himaniiru.

Barattoonni sagantaa idileen barachaa jiran kumni 600 qormaata kana ni fudhatuun kan eegamu yoo ta’u, hanga ammaatti 81 % galmaa’uu himaniiru.

Barattoonni dhuunfan barataa jiran kumni 100 fi kumni 50 ni galmaa’uun kan eegamu ta’uu eeraniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment