Barattoonni barnoota Afaan Oromoon baratan gara mana barnootaa akka dhufaniif kakaasiin gaggeeffamuu qaba-BBF

Finfinnee, Hagayya 1, 2015 (FBC)- Barattoota barnoota isaanii Afaan Oromoon baratan akkaataa barbaadamuun gara mana barnootaa akka dhufaniif kakaasiin garagaraa gaggeeffamuu akka qabuu Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi qophii dursaa sirna barnootaa Afaan Oromoo bara 2016 irratti marii gaggeesseera.

Maree kanarratti dursitoonni garee raawwii sirna barnootaa kutaalee magaalaa fi dura bu’ootni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa Afaan Oromoo barsiisaan kan hirmaatan yoo ta’u, saganticharratti raawwiin bara 2015 fi qophii dursaa bara 2016 irratti mari’atameera.

Biirichatti Daayrektarri Qophii fi Raawwii Sirna Barnoota Afaan Oromoo Obbo Roobii Waamii, yeroon kun yeroo hojiileen dursaa qophii bara 2016 itti raawwataman waan ta’eef, manneetiin barnootaas ta’e caasaan ijaarsa barnootaa sadarkaan jiru barattootni Afaan Oromootiin baratan gara mana barnootaa akka dhufaniif kakasiin gaggeeffamuu akka qabu hubachiisan.

Obbo Roobiin dabalataan manneen barnootaa hundattii sirna barnootaa haaraa hojiirraa hojiirraa oolchuufis qaamoleen sadarkaan jiran ittigaafatama isaanii akka bahatan ibsaniiru.

Magaalichatti Afaan dhalootaatti dabalataan Af-Daneessaa akka barataniif sirna barnootaa haaraa hojiirraa oolfamaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Akkataa qajeelfamaa hojiirraa oolmaa Af-Daneessaa darbeen raawwiin isa fooyyaa’a akka ta’uuf hojiin hordoffii fi deeggarsaa gaggeeffamuu akka qabus dubbachuu ragaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment