Barataa Umrii 70 Yuunivarsiitii Waachaamoo

Finfinnee, Mudde 12, 2016 (FBC)- Abbaa Ijoollee 10 fi dhala dhala isaanii kan argaan Obbo Yohaannis Adduusee umrii waggaa 70ffaa isaaniitti barnoota digirii jalqabaaf Yuunivarsiitti Waachaamootti ramadamaniiru.

Yuunivarsitichi baratoota waggaa jalqabaa 2016 simateera.

Barattoota simataman keessaa maanguddoon umrii waggaa 70 Obbo Yohaannis Adduuseen tokko yoo ta’an, qormaata biyyaalessaa bara 2015 kenname barataa Muummee Saayinsii Hawaasaa qabxii darbiinsaa argachuun yuunivarsitichatti ramadamaniidha.

Ijoollummaa isaaniitti barataa qacalee akka turanii fi sababa miidhaa qaama isaaniirra ga’een waggoota dheeraaf barnootarraa fagaatanii turuu ibsu.

Fedhii barnootaaf qabanirraa kan ka’ee barnoota addaan kutan itti fufuun yuunivarsiitii seenuu himan.

Jiraataa Godina Haadiyyaa Aanaa Duunaa kan ta’an Obbo Yohaannis, barnootaa yuunivarsiitichaa injifachuufis qophii gahaa taasisuu ibsuu ragaan yuunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment