Barataa Biiniyaam Isaayyaas barnootaa akka itti fufu murtaa’e

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Finfinnee Barataa Biiniyaam Isaayyaas barnootaa isaa akka itti fufuu murteessuu beeksise.

Yuunivarsitichi dhimma barataa Biiniyaam Isaayyaas ilaalchisuun ibsa baaseen, Koomishinii Dhimmoota Akkaadaamii Koolleejjii Saayinsii Fayyaa fi Yuunivarsiitiin Finfinnee walga’ii waloo gaggeessaniin barataan Biiniyaam barnoota isaa akka itti fufu murtaa’uu beeksiseera.

Adeemsi barnootichaa ulfaataa fi walxaxaa ta’us baraata Biiniyaam Isaayyaasiif, koolleejjichi, barattoonni koolleejichaa fi yuunivarsitichi deeggarsa barabaachisaa akka taasisan ibseera.

Yuunivarsitiichi adeemsaa barnootaa baratichaaf filmaatawwan fayyadan dhiyeessuus, barataa Biiniyaam barnoota faayyaa barachuun fedhiisaa ta’uu ibsuun, barnoota isaa akka itti fufuuf murteessuu beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment