Barana Ruuzii kuntaala miiliyoona 63 ol argachuuf ciminaan hojjetamaa jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 10, 2017 (FBC)-Bara omishaa kanatti, oomishsa Ruuzii kuntaala miiliyoona 63.14 argachuuf ciminaan hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan akka jedhaitti mootummaan Naannoo Oromiyaa imala badhaadhinaa jalqabe galmaan gahuuf, gama sektara qonnaatiin hanga ammaatti inisheetiiviiwwan 28 ta’an bocee harcaatii tokko malee hojjitti hiikuun bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira.

Inisheetivoota kanneen keessaa tokko inisheetiviin misooma ruuzii yoo ta’u, bara 2011/12 omisha ruuzii lafa hektaara kuma 10 hincaalle irratti kan misoomsine fi labsii Beddelee, Adoolessa 2015 booda xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuun bara omishaa 2016/17 lafa hektaara miiliyoona 1.5 ol misoomsuu akka danda’ame ibsaniiru.

Gama callaatiin bara 2011/12 kuntaala kuma 542 kan argamee turuu yaadachiisanii, bara omishaa kanatti, kuntaala miiliyoona 63.14 argachuuf ciminaan hojjetamaa jira jedhaniiru

Karoorri fi raawwiin keenya hanga ammaa, poteenshaala gama lafa misooma ruuziif ooluu danda’uufi guddina oomishtummaan ruuzii irra gahuu danda’uun walbira qabnee ilaaluun, yeroo ittaanutti jijjiirama olaanaa mirkaneessuu akka dandeenyu hubachuun hojjetamaa akka jiru gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Naannoon Oromiyaa lafa omisha ruuziif ooluu danda’u hektaara miiliyoona sadii olitti tilmaamamu akka qabuu fi uwwisa lafaatiin karaa walakkaa jirra jedhan

Gama biraatiin, oomishtummaa ruuzii daran dabaluu irratti xiyyeeffachuun, madaksa teeknooloojii haaraa, tajaajila eksiteenshinii fi dhiyeessii galtee qonnaa irratti qonnaan bultoota keenya waliin taanee hojjecha jiraachuu kaasaniiru.

Qonnaan bultoonni keenya gama tokkoon waan omishanirraa akka qusatan, gama biraatiin liqii akka argatan mijeessuun, maashina bitatanii tarkaanfii ofiin ruuzii qulqulleessuufi kurfeessutti (processing) akka galan itti dhiyeenyaan hojjetamaa jira.

Misoomni ruuzii keenya abdii wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii dargaggootaaf umuu fi omisha alaa galaa ture biyya keessatti bakka buusuu dandeessisuun, galmoota afran seektara qonnaa keessaa sadi kallattiin utubuu irratti akka argamu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment