Barana misoomni qabeenya uumamaa lafa hektaara miiliyoona 3.2 irratti hojjetama – BQO

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Barana Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 3fi kuma 200 irratti misoomni qabeenya uumamaa kan hojjetamu ta’uu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Waggoottan darbanitti hojiilee misooma sululaa guutuu Oromiyaatti hojjetamaan jijjiiramni qabatamaan argamuu Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu himaniiru.

Qabeenya uumama kunuunsuufi karaa saayinsawaan yoo eegame jijjiiramni qabatamaan lafarratti mul’achuu akka danda’u agarreerra jedhan.

Bara kana Oromiyaatti hojii misooma qabeenya uumamaan lafa hektaara miiliyoona 3fi kuma 200 misoomsuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Hojii qabeenya uumamaa kanarratti hawaasa miiliyoona 9fi kuma 800 ol hirmaachisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment