Barana Ityoophiyaatti qamadii toonii miiliyoona 2.4 argama jedhamee eegama-Biluumbargi

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2014 (FBC) – Barana Ityoophiyaatti oomishi qamadii toonii miiliyoona 2.4 akka eegamu Ministeera Qonnaa wabeeffachuun Biluumbargi gabaaseera.

Gabaasni Biluumbargi akka argisiisutti oomishi qamadii barana eegamu kan bara darbeen yoo walbira qabamu %7 caalmaa akka qabu eera.

Bara darbe tooniin miiliyoonni 1.42 argamuu gabaasichi ibseera.
Kunis biyyattin bara faranjootaa 2023’tti gabaa alaaf oomisha qamadii erguuf karoora qabatte milkeessuuf tumsa jedhamee akka eegamu gabaasichi eereera.

Ityoophiyaan fedhii oomisha qamadii ishee %27 Yuukireen irraa %15 ammoo Raashiyaarraa galchiti.

Bara faranjootaa 2023ttis qamadii gabaa alaarraa galchituu kan biyya keessan bakka buusuuf karoorfattee kilaastaraan qamadii oomishaa jirti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf:

Telegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuki:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment