Barana buna gabaaf dhiyeetu %75 qulqullina sadarkaa 1-4 jiru akka qabatu hojjetamaa jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 11, 2016 (FBC)- Bara kana buna gabaaf dhiyeetu keessaa %75 qulqullina sadarkaa 1-4 jiru akka qabatu hojjetamaa jiraachuu Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis Gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin haalaa hojiilee oomisha Bunaa naannichaa “Labsii Naqamteen” boodaa jirurratti ibsa kennaniiru.

Guutummaan ibsichaas akka itti aanutti dhiyaateera.

Tarkaanfiilee addaa (new initiatives) dinagdee naannoo fi biyya keenya akka onnachiisan bocaman keessaa inni tokko misoomaa bunaati.

Tarkaanfiin kun, baay’inaafi qulqullina oomisha buna naannoo keenyaa ariitiin dabaluufi mirkaneessuu kaayyeffate bara 2011 magaalaa Naqamteetti, “Labsii Naqamtee” jedhuun iftoome.

Sochii tarkaanfii kanaan taasifameen gama oomisha dabaluutiniis ta’ee, qulqullina mirkaneessutiin bu’a qabatamaa argameer jira.

Sochii kanaan bara 2011 biqiltuu bunaa mil. 997 dhaabuu jalqabnee, bara 2015 biiliyoona 1.33 dhaabuu kan dandeenye yoo ta’u, waggottan shanan sochichaa keessatti biiliyoona 5.4 dhaabneerra.

Raawwii kanaan, uwwisa buna naannoo keenyaa lafa hektaara miiliyoona 2 irra ture, gara hektaara miiliyoona 2.9’tti olguddisuun danda’ameera.

Uwwisa bara 2011 ture keessaa oomisiha kan kennu hektaara kuma 966 irra kan ture qofa yoo ta’u, bara 2015 gara hektaara miiliyoona 1.31 ol guddisuun danda’ameera.

Bara oomishaa 2016 ammoo uwwisa buna oomisha kennuu hektaara miliyoona 1.45 gahuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Gama oomishaatiin, oomisha waggaa bara 2011 kuntaala miiliyoona 6.5 ture irraa ka’uun bara 2015’tti kuntaala miiliyoona 10.4’n kan gahame yoo ta’u, bara 2016’tti ammo, kuntaala miiliyoona 11.4’tti olguddisuuf karoorfamee raawwatamaa jira.

Sochii qindaa’aa taasifame bu’aa malee kan hafe hin turre. Bara 2015 buna gabaa alaatti ergame irraa yeroo duraatiif galiin Doolaaraa biiliyoona tokko ce’e (Biiliyoona 1.3) argamuu danda’eera.

Kana keessaa gaheen Naannoo keenyaan bahame %70’tti kan dhiyaatu ture.

Labsiin Naqamtee, xiyyeeffannoo oomisha bunaa ariitiin dabaluudhaaf kenne, fooyya’iinsa qulqullina bunaa sassaabbiidhaa hanga dhiyeessii gabaatti dhufuu qabuufiis kenneera.

Qulqullinni bunaa, gatii argachuufi gabaa irratti dorgamaa ta’uufi ta’ee itti fufuuf dhimmi ijoodha.

Bara 2011, buna gabaadhaaf dhiyaate keessaa qulqullina sadarka 1- 4 kan guutu %40 qofa kan ture yoo ta’u, bara 2015, gara %60 fooyyessuun danda’ameera.

Asirratti, raawwiin gama qulqullina bunaa dabaluutiin jiru, ariitii ittiin oomisha dabaluu dandeenyen kan walgituu akka hin taane beekuun hojii nu eeggatu hubachuuf murteessadha.

Gamaaggama kanarraa ka’uun, bara oomishaa 2016 gama tokkoon buna qulqullina sadarkaa 1-4 guutu dabaluuf, gama biraatiin sadarkaa qulqulinaa kanaan dura ture daran olkaasuuf sochiin qulqullina bifa lamee mirkaneessuu naannoodhaa hanga gandaatti taasifamaa jira.

Haaluma kanaan, leenjiin hubbannoo qulqullinaa, adeemsa oomishaafi sassaabbii akkasumas paakeejiingii hanga dhiyeessii gabaa hammatu qooda fudhatootaaf bal’dhinaan kennamaa jira.

Bara kana buna gaabaadhaaf dhiyeessinu keessaa %75 qulqullina sadarkaa 1-4 jiru akka qabatus hojjetamaa jira.

Sadarkaan uwwisaafi oomishti buna keenyaa irra gahe kan nama onnachiisu. Garuu kan itti boonnee dagannaa keessa ittiin galluu miti.

Gama qulqullina bunaa mirkaneessutiin ammo imala dheeraan akka nu hafu hooggansi sadarkaan jiru, caasaan, oomishtoonni akkasumas qoodafudhattoonni hundi hubachuu qabna.

Dhumarratti, qoteebultoonnifi investaroonni buna oomishtan, daldaltoonni, qopheesitoonnifi alergitonni oomisha buna naannichaa hundi, ‘qulqullinni oomisha bunaa, faayidaa waloo keenya’ ta’uu hubattanii, oomisha bara 2016 irratti, sassaabbii hanga dhiyeessii gabaatti qulqullinaaf ofeeggannoo jabaa akka taasistan adaraa jechaa, shoora olaanaa jijjiirama hanga ammaa argame kessatti taphattaniif isin galateeffachuun barbaada!

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment