Finfinnee, Waxabajjii 4, 2014 (FBC) – Barana akka Naannoo Oromiyaatti taljaajila tola ooltumma fi sagantaalee garagaraan baadiyyatti manneen ammayya kumni 50 ni ijaaraamu jedhan Sadarkaa Ittaanaa Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyatti Qindeessaa Kilasteera Misoomaa Badiyyaa Obbo Abdurramaan Abdallaa.
Waltajjiin mariin manneen jireenyaa badiyyaa ammayyeessuu hoggantoota olaanoo naanichaa fi qooda fudhattoota biroo waliin magaalaa Adaamaatti gaggeeffama jira.
Inisheentivii manneen jireenyaa qonnaan bultootaa Aanaa Waacaaleetti jalqabamee bu’uureffachuun
manneen jireenyaa qonnaan bultootaa godinalee Oromiyaa birootti akka babal’atuuf waltajjii qopha’ee ta’uu himameera.
Haaluma kanaan barana akka Naannoo Oromiyaattii tajaajila tola ooltummaa fi sagantaalee garagaraan baadiyyatti manneen ammayya kumni 50 ni ijaaraamu jedhan Obbo Abdurramaan.
Keessumaa rakkoo manneen jireenyaa horsisee bultoota mudataa ture furuu keessatti inisheetiviin manneen jireenyaa badiyaa ammayyeessuu ga’ee olaana qaba jedhaniiru.
Ijaarsa manneen baadiyyaa ammayyaa kanaan walqabatees dargaggootaa kuma 100 oliif carraan hojii akka uumamu ibsaniiru.
Waltajjiin marii kunis mata duree “Manneen jireenyaa ammayyaa badiyyaatti babali’suu fi carraa hojii dargaggootaaf uumuun imala badhaadhina maatii ni mirkaneesina” jedhun gaggeeffame jira.
Qorannoowwan adeemsa manneen baadiyyaa ammayyeessuu dandeessisan oggeessootan dhiyaate irratti mari’atama jira.
Gammachuu Beekumaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.